Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Nageenya Magaalaa Gaambeellaa ittifufiinsaan mirkaneessuuf qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuu akka qaban Preezdaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umod Ujuluu ibsan.
Haalota nageenya magaalichaa amansiisa taasisuun danda’amurratti qaamolee nageenyaa waliin mari’ataniiru.
Preezdaantiin naannichaa Obbo umod Ujuluu haasawaa taasisaniin, ittigaafatamni mootummaa adda durummaan nageenyaa mirkaneessuu ta’uu eeranii, milkaa’inaa kanaaf qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran walta’iinsaan hojjechuu qabu jedhan.
Tibbana naannichatti rakkoo nageenyaa mudatee ture hordofee, magaalichatti seeraa alummaa mul’atu ittisuuf qaamoleen nageenyaa kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Kanumaan walqabatee, qaamoleen nageenyaa hanqina naamusaa argisiisan akka jiran qulqullaa’uu kan eeran Obbo Umoj, qaamolee kanneenirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhaniiru.
Hirmaattonni marichaas hirmaannaa hawaasaan alatti nageenya waaraa mirkaneessuun akka hindanda’amne eeranii, jiraattonni magaalichaa odeeffannoo qaamoleen nageenyaa barbaadan kennuun nageenya mirkaneessuuf akka tumsa gaafachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:
Telegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.