Nageenya lammiilee sirnaan eeguuf qaamoleen nageenyaa dirqama akka qaban hubachiifame

Nageenya lammiilee sirnaan eeguuf qaamoleen nageenyaa dirqama akka qaban hubachiifame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017(FMC) – Kolleejjii Poolisii Oromiyaatti Inistiyuutiin Leenjii Ogummaa poolisii Mooraa Sanqallee Amboo qondaaltoota Poolisii , to’attoota tiraafikaa fi to’attoota poolisii hawaasaa kuma 1 fi 704 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Sirna eebbichaa irratti Daayrekterri Olaanaan kolleejii poolisii Oromiyaa Komiishinarri Gargaaraan Gosaayee kabbadaa, nageenya lammiilee sirnaan eeguuf qaamoleen nageenyaa dirqama akka qaban hubachiisan.

Nageenya hawaasaa mirkaneessuu fi balaa tiraafikaa yeroo ammaa lubbuu fi qabeenya lammiilee heddumminaan galaafataa jiru hir’isuufis miseensota poolisii haaraa eebbifaman kanneen irra imaanaa guddaan jirachuu ibsan.

komiishinarri Itti aanaan Poolisii Oromiyaa Abbabaa Laggasaa gama isaaniin eebbifamtoonni aantummaa uummataaf qaban bu’uureffachuun halkanii guyyaa hojjetanii rakkoo nageenyaa dhabamsiisuuf hojii guddaan akka isaan eeggatu hubachiisan.

Eebbifamtoonnis imaanaa itti kenname sirnaan raawwachuuf wayituma kana kakuu galaniiru.

Sirna eebbaa kana cinattis waajjirri haaraan kolleejichi ijaarsise eebbifamera.

Guutaa Owwaataatu gabaase

Comments (0)
Add Comment