Nageenya lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiraataanii eegsisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Nageenya lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiraataanii eegsisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beekise.
 
Ministeerich dhimma haala yerooratti ibsa laateera.
 
Nageenya lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiraatanii eegsisuuf Mootii Saa’udii fi aanga’oota olaanoo dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun mirgi isaanii eeggamee akka jiraatan hojjetamuu Dubbii Himan Ministeera Dhimmaa Alaa FDRI Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin ibsa har’a laataniin himaniiru.
 
Torbee keessatti lammiilee Ityoophiyaa Beeruutiitti rakkoo hammaataa keessa turan 429 gara biyyaatti deebisuun danda’ameera jedhan.
 
Kanneen deebi’an keessaa 165 deeggarsa qaamooleen garaagaraa taasisan baasiin isaanii uwwifameera jedhan Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaaniin.
 
Mirga Ityoophiyaanoota Giddugala Bahaa fi Biyyoota Afrikaa jiraatanii kabachiisuuf hoggantootaa biyyootaa kanneenii fi qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin marii itti fufaa taasisuun kanneen rakkoorra jiranii fi gara biyyaa deebi’uu barbaadaniif sanada barbaachisu qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
 
Ityoophiyaanoota alaa deebi’an deebisanii dhaabuuf Dhaabbata Godaansaa Idila Addunyaa fi qaama dhimmichi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hojjamaa akka jiru ibsa kanaan eerrameera.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan tajaajjilli Koonsuulaarii gama kutaa mana hojii dhimmota Qoonsiilaan walakkeessan laatamaa ture har’aa eegalee tajaajila guutuu laachuu eegaluu isaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin himaniiru.
 
Ambaasaaddar Diinaan guyyoota 15 keessa hariiroo dhimma alaa dhimmota waloo fi hojiilee diippiloomaasii hojjetaman, waltajjii Ambaasaaddarootaa torbee kana gaggeeffamee fi diippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffachuun hojjetaman ilaalchisee ibsa gaazeexeesummaa laataniiru.
 
Hojiilee diippiloomaasii hidha laga abbayyaa irratti hojjetame fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddaroota Jarmanii fi Ingiliiz waliin haala yeroorratti marii taasifame ilaalchisee ibsa laataniiru.
 
Waltajjiin Ambaasaaddarootaa fi qoonsilaa Jeneraalootaa hanga Qaammee 3, 2012tti kan itti fufu ta’uu Dubbii Himan Ministeera Dhimmaa Alaa FDRI Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa ministeericharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment