Finfinnee, Eebila 12, 2013 (FBC)-Nageenya indastirii eeguuf itti gaafatamuumaan kan qaamolee hunda ta’uu Hooggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa aadde Jaamilaa Simbiruun ibsaniiru.
Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Bulchiinsa magaaloota 11fi godinaalee 2 keessaati nageenya indaastirii naannichaa eeguuf marii gaggeessera.
Waltajichi marii garsadee kan jedhamu yoo ta’u, hawaasa, hojjetaafi mootummaa waliin ta’uun dhimma nageenya indastirii maal akka fakkatuu fi rakkoowwan achi keessatti mulla’achaa jiran akkaataa furuun danda’amu irratti mari’atameera.
Addee Jaamilaa Simbiruu nageenya indastirii eeguuf itti gaafatamuumaan kan nama hundaa ta’us dirqamii guddaan kan qaama itti dhiyeenyaan hojjechaa jiruuti jedhaniiru.
Indaastirii keessatti mirgi hojjetaas ta’ee hojjechiisaa akka kabajamuu gochuun akkasumas, indastirichi diinagdee biyya guddisuu keessatti ga’eesaan akka bahan gochuunis hubachiisa ta’uus himaniiru.
Weerara vaayraasii koroonaan walqabatees aadde Jaamilaan jedhan, hojjetaas ta’ee hojjechiisaan meeshaleen ittisa vaayrasichaaf qophaa’an sirnaan akka itti fayadamamuu taasifamuu qabu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.