Nageenya hawaasa naannoolee ollaa mirkaneessuuf waliigalame

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Nageenya hawaasa naannoolee ollaa Oromiyaa fi Sabaa fi Sablammoota Kibbaa caalmaatti mirkaneessuuf waliigalame.

Waltajjiin marii nageenya waloo Naannolee ollaa cimsuu irratti xiyyeeffate Magaalaa Arbaamincitti gaggeeffameera.

Mariicharratti hojiileen nageenya waliinii naannoolee ollaa Oromiyaafi Naannoo Sabaafi Sablammoota Ummatoota Kibbaa hojjatamaa ture qoratameera.

Hojii hanga ammaatti hojjatameen bu’aalee gurguddoon argamuun kan ibsame yoo ta’u nageenya hawaasa naannoolee ollaa caalmaatti mirkaneessuuf ciminaan hojjatamuu akka qabu waliigalameera.

Ittaanaan Hoogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Obbo Haayilee Gurmeessaa nageenya waloo naannolee ollaa mirkaneessuuf Qindoominaan hojjatamuu akka qabuu fi hojiin kun karoora walootiin deeggaramuu akka qabu ibsuu ragaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Maricharratti hoggantootni nageenyaa naannolee lameenii, bulchitootni Godina Gujii Lixaa fi Godina Gaamoo akkasumas qaamoleen nageenyaa Aanaalee ollaa hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment