Finfinnee, Mudde 11, 2017 (FMC)- Nageenya fooyya’aa Naannoo Amaaraatti mul’ate hordofee hojiileen misoomaa fi bu’aaleen imala badhaadhinaa eegalamuuf ragaa ta’an qabatamaan mul’achaa jiraachuu Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah ibsan.
Obbo Adma Faaraah Magaalaa Baahirdaaritti hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Nageenya fooyya’aa Naannoo Amaaraatti mul’ate hordofee keessumaa Magaalaa Baahirdaaritti hojiileen misoomaa fi bu’aaleen imala badhaadhinaa eegalamuuf ragaa ta’uu qabatamaan mul’isan daawwachuu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Daawwannichaan Pirojektiin Mariinaa Xaanaa, Magaalattii daran giddugalaa tuuriistootaa taasisuuf carraa kan uumuu ta’uu hubachuu ibsan.
Misooma kooriidarii kiiloo meetiraa 22.5 hojjechuuf yaadame keessaa marsaan jalqabaa hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojiilee Sagantaa Maaddii Guutuun hojjetamaa jiraniin bu’aaleen argamaa jiran abdii qabeeyyii ta’uu himaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa rakkoolee nageenyaa gareen fiinxaaleyyii naannichaa uuman waarinaan furuuf hawaasa hirmaachisuun, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi garaagarummaa marii fi karaa diimokiraatawaa ta’een furuu, sirna siyaasaa ammayyaa’aan waliigalteerra ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Bu’aa kanaan rakkooleen magaalotaa waarinaan furmaata haala kennuun naannawaalee hedduutti bu’aalee olaanaan galmaa’aa akka jiran kaasaniiru.