Nageenya daangaarraa itti fufsiisuuf naannawicha daldalaanfi tuurizimiin walitti hidhuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Mudde 15, 2015 (FBC) –  Nageenya daangaa biyyoota ollaa itti fufsiisuuf naannawicha daldalaanfi tuurizimiin walitti hidhuun barbaachisaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyi ibsan.

Feestivaalli aadaa, tuurizimiifi nageenyaa horsiise bultoota Ityoophiyaa, Ugaandaa, Keeniyaafi Sudaan Kibbaa hirmaachise mata duree “ Ekuumoomoor walitti hidhamiinsa naannawaaf” jedhuun godina Oomoo Kibbaa aanaa Nyaangaatoom magaalaa Kaangaateenitti gaggeeffameera.

Feestivaalicharratti kan hirmaatan obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyi, nageenya naannawaa daangaa biyyoota ollaa itti fufsiisuuf naannawicha daldalaan, tuurizimiifi bu’uuraalee misoomaa biroon walitti hidhuun uummattoota fayyadamoo taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Feesitvaalichi milkaa’ina walitti hidhamiinsa naannawaa Ityoophiyaan dippiloomaasii alaa isheen eegalteef gahee olaanaa qabaachuu ibsamuu TOI gabaasera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment