Finfinnee, Bitootessa 19, 2015 (FBC)-Nageenya bu’uuressuun akkuma waraanaa gootummaa akka barbaachisu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Dhimmootaa nageeyaa fi tasgabbiirrattii Gaaffilee Miseensotaa Mana maree bakka bu’ootaa ummataarraa dhiyaataniif ibsaa bal’aa kennaa jiru.
Ibsa isaaniin nageenyaa mirkaneessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaan hedduun kan jiran ta’uu kaasanii, lammiilee dibbee waraanaa rukutaan waan jiraniif malee, nageenyaa jiraachuun hubachuun rakkisaa waan ta’eef jedhan.
Nageenyi yeroo ammaa Ityoophiyaa keessatti mul’atu haala baatiiwwan saddeetiin dura turerraa fooyya’aa ta’uu kaasaniiru.
Dhukaasii, du’aatiin yoo dhaabbate nageenyi yeroosumaa mirkanaa’a jechuu miti kan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, nageenyaa bu’uuressuun akkuma waraanaa gootummaa akka barbaachisu kaasanii, hojiilee waraanarraa gadaana hintaanee tattaffii cimaa waan barbaachisuuf waloon tattaaffii akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.
Yeroo ammaa biyyattii kan barbaachisu jalalaafi nageenya ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.