Nageenya buusuu keessatti gaheen Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa abbaa nageenyaa taasisuun kutaalee hawaasaa garaa garaa hirmaachisuun hojii nageenya waaraa mirkaneessuu xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Mariin nageenyaa Haadholii Siinqee, Abbootii Gadaa, qaamolee seeraafi caasaa nageenyaa hirmaachise Magaalaa Shaashamanneetti taa’ameera.

Miidhaa sababa nageenyi boora’uun dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota irra gahu hambisuun nageenya waaraa fiduu keessatti gaheen Haadholii Siinqee fi Abbootii Gadaa murteessaa ta’uu, Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruu maricharratti ibsaniiruu.

Walitti bu’iinsa biyya jeequuf humnoota badiin iddoo gara garaatti raawwatamaa jiraniin adda durummaan kan miidhamaa jiru dubartoota, daa’immaniifi manguddoota waan ta’aniif, rakkoon kun akka hin uumamneefi yeroo uumames miidhaawwan gahan hambisuuf gaheen Haadholii Siinqee fi Abbootii Gadaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Waltajjii marii kanarrattis Haadholiin Siinqee, Abbootiin Gadaa, qaamolee seeraafi caasaan nageenyaa Godinaalee Shawaa Lixaa, Baalee, Arsii Lixaa, Arsii fi Gujii akkasums magaalota Amboo, Hoolataa, Moojoo, Baatuu, Shaashamannee fi Bishaan Gurraachaa irraa waliitti babba’an hirmaachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment