Nageenya Ayyaanotaaf hunduu gahee isaa akka bahatu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa fi Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Ayyaanni Masqalaa, Mooliidnii fi Irreechaa nagaan akka kabajamu hunduu gaheesaa akka bahatu waamicha dhiheessan.

Dhimmicha ilaalchisuun Biirichii fi Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ayyaanota tibbana kabajaman nagaa fi tokkummaan, kan dhabe gargaaraa haa dabarsinu jedhan Pireezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Sheek Jamaal Muusaa Jiloon.
Ayyanoonni itti aananii dhufaniis calaqqee jaalalaa fi tokkummaa keenya kan agarsiisan waan ta’eef duudhaalee abbootiirraa dhaallee itti fufsiisuu qabnaan dhaamaniiru.

Phaaphaasiin kutaa lallaba magaalaa Shaggarii fi Mana Amantii Ortodoksii Itiyoophiyaatti Itti Gaafatamaa Kutaa Lallaba Shawaa Kibba Lixaa Qulqulluu Abuuna Saariyoos gama isaaniin, sirni Daamaraa, ayyaanni Masqalaa akkasuma Irreechi irratti hunduu tokkummaan fi waloomaan, akkasumas nagaan kabajamee akka xumuramu hunduu gahee gama isaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Gammachiis Taarikuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment