Nageellee Arsiitti tajaajilli baqaqsani yaaluu moora ijaa bilisaan kennamaa jira

Finfinnee, Hagayya 13, 2014 (FBC) –Nageellee Arsiitti tajaajilli baqaqsani yaaluu moora ijaa namoota kuma 2f bilisaan kennamaa jiraachuu.

Duula tajaajiila tola oltummaa baqaqsani yaaluu moora ijaa dhukkubsattoota kuma 2’f Hospitaala Waliigalaa Koolleejjii Meedikaala Nageellee Arsiitti kennamu eegaleeera.

Guyyaatti dhukkubsattoota moora ijaa 250 hanga 300 ta’an tajaajiila kennuun hanga torbee tokkoo kan turu ta’uu Hogganaan Hospitaala Waliigalaa Koolleejjii Meedikaala Nageellee Arsii Dooktar Balaayinaa Lataan himaniru.

Namoonni moora ijaatiif saaxilaman jireenyii isaani guutuumaa guutuutti rakkoo keessa kufuun isaan bira darbee namoota isaan tajaajiilanifis kufaati akka ta’an xinxaluun yaalli kun kan tolaan akka kennamu taasiifanuu Abbaan Qabeenyaa Hospitaala Waliigalaa Koolleejjii Meedikaala Nageellee Arsii Dooktar Guddataa Hinikaan ibsaniru.

Hunduu iddoo itti hirmaateetti biyya osoo gargaaree bu’aan guddaan dhufuu akka danda’uu fi namoonni biroonis hojii tola oltummaa irratti hirmaatani hawaasa tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment