Nagaa ummata Somaaliyaaf Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa wareegama olaanaa kaffaleera-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Hagayya 10, 2016(FBC)– Nagaa ummata Somaaliyaaf Raayyaan Ittisaa Biyyaa Itiyoophiyaa wareegama olaanaa kaffaluu Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.
Fiild Maarshaal Birhaanuun, Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa Somaaliyatti ergama isaa raawwateef simannaa taasiisaniiru.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa Nageenya Somaaliyaa waaressuuf waggoota hedduuf wareegama qaalii kaffaluu Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan haasawa simannicharratti taasiisaaniin ibsaniiru.
Mootummaa Itiyoophiyaa murtoo Gamtaa Afrikaa duraa fi booda waggoota dheeraaf Raayyaa Ittisaa gara Somaaliyaatti erguun rakkoo nageenyaa biyyattii furuuf wareegama lubbuu, miidhaa qaamaa fi qabeenyaa kaffaluu ibsaniiru.
Ummanni Somaaliyaa Alshabaabiin akka hin miidhamne waggootaaf qabsoo taasiifame keessatti Itiyoophiyaan gatii maallaqaan shallagamuu hin dandeenya kaffaluu eeraniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment