Naayjeeriyaatti miidhaa qaama hidhateen qaqqabsiifameen lubbuun namoota 30 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) -Naayjeeriyaatti miidhaa qaama hidhateen qaqqabsiifameen lubbuun namoota 30 darbe.

Kaaba baha Naayjeeriyaa bulchiinsa Burnootti miidhaa qamni hidhate qaqqabsiisen lubbuun namoota 30 darbuu anga’oonni naannichaa ibsan.

Kanarra kan darbe qaamni hidhate kun daa’immanii fi dubartoota lakkoofsi isaanii hin beekkamne butee fudhachuun isaa himameera.

Dubbi himaan bulchiinsa Burnoo Ahimad Abduraahiman Bundiin gareen hidhatee naannicha keessa socho’u lubbuu namootaa haala sukkaneessaan ajjeesurra darbee qabeenyarra miidhaa cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu himaniiru.

Miidhaa kanaanis konkolaattota 30 olii fi manneen jireenyaa hedduun barbadaa’uu ibsaniiru.

Miidhaa qaqqabe kanaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhate jiraachuu dhabuu gabaasichi ibseera.

Kaaba baha Naayjeeriyaatti qaamni hidhate waggaa kudhan keessatti miidhaa raawwateen lubbuun namoota kuma 36 yoo darbu, lammiileen miiliyoona 2 ol ammoo qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aniiru.

Maddi፦https://www.france24.

Comments (0)
Add Comment