Naayijeeriyatti konkolaataa boba’aa deeddebisurratti dho’iinsa qaqqabeen lubbuun namoota 20 darbe

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Naayijeeriyatti konkolaataa boba’aa deeddebisurratti dho’iinsa qaqqabeen lubbuun namoota 20 darbuu dhaga’ameera.

Balichi kan qaqqabee kibbaa Naayijeeriya bulchiinsa Idoo fi Deeltaatti kan argamu daandii qaxxaamura irratti ta’uu dubbatameera.

Ibiddicha konkolaataan boba’aa fe’ee ture konkolaattoota biroo irratti ariitiin tamsaasuu ibsameera.

Wayita balichi qaqqabuu namoota naannicha turanitti ibiddii qabateera.

Kanneen lubbuun darbeen alattiis hedduurra miidhaan qaamaa qaqqabeera.

Naajireyaatti daandiin mijatoon dhabamuurraan kan ka’ee balaan akkasii baratameera.

Torbee sadii dura bulchiinsa Beeniitee ganda tokko keessaatti konkolaataan boba’aa deeddebisu dho’uun lubbuun namoota 35 darbee ture.

Kanarra darbees akka lakkoofsa Awurooppaa 2012 kibbaa- dhihaa magaalaa Paariitii  keessaatti haalaa walfakkataan balaa qaqqabeen dubartoota fi daa’immaan dabalatee lubbuun namoota 92 darbeera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment