Naayijeeriyaatti taankariin boba’aa dhowuun balaa ibiddaan lubbuun namoonni 94 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC)-Naayijeeriyaatti taankariin boba’aa dhowuun balaa ibidaa uumameen lubbuun lammiilee 94 darbuun ibsame.

Konkolaataan boba’aa fe’uun imalaa ture tasa dhowuun balaa ibiddaa hordofsiiseen miidhaa olaanaan ga’uun gabaafameera.

Haaluma kanaan lammiilee lubbuun darbanitti dabalataan namoota 50 irraa miidhaan qaqqabuun eerameera.

Baatii Fulbaanaa darbe Naayijeeriyaa Bulchiinsa Niijaritti konkolaataan boba’aa fe’e konkalaataa beeyladoota fe’e waliin walitti bu’uun lubbuun namoota 59 darbuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment