Naayijeeriyaan muuxannoo oomishtummaa qamadii Ityoophiyaa qooddachuuf fedhii argisiiste

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)-Naayijeeriyaan muuxannoo oomishtummaa qamadii Ityoophiyaa qooddachuu akka barbaaddu Ittaanaan Pireezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Shetimaa ibsan.

Jilli Olaanaa Ittaanaa Pireezidaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Shetimaan durfamu muuxannoo oomishtummaa qamadii Ityoophiyaarratti Ministeera Qonnaa waliin mari’ateera.

Akka Kaashiim Sheetimaan jedhanitti, muuxannoon Ityoophiyaan misooma qamadiirratti qabdu biyyoota biroofis qoodamuu qaba.

Ityoophiyaan waggoota muraasa dura qamadii biyya alaatii galfachaa kan turte, xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen fedhii biyyaa keessaa guutuurraa darbitee gabaa biyya alaaf dhiyeessuun ishee kan dinqisiifatamu akka ta’e ibsaniiru.

Kanaaf, waggaatti Doolaara biliyoona 2 baasuun qamadii biyya alaa irraa kan galchitu Naayijeeriyaan, karaalee oomishtummaa qamadii dabalan Ityoophiyaarraa barachuu barbaaddi jedhaniiru.

Milkaa’inni Ityoophiyaan misooma qamadii irratti galmeessifte Afrikaa qofaaf osoo hintaane biyyoota addunyaa guddachaa jiraniif muuxannoo gaarii akka ta’u eeraniiru.

Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amanteen, waggoota shanan darbanitti jijjiirama Ityoophiyaan damee qonnaatiin galmeessite irraa muuxannoo qooddachuuf biyyoonni Afrikaa hedduun gaafachaa jiru jiraachuu himan.

Ityoophiyaan oomisha qamadii irratti milkaa’ina galmeessisuuf adeemsa keessa darbite qooduun akksumas deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment