Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Naannoon Uuummattoota Kibbaa marsaa 2ffaan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii bakka tursiisa Dabrabiraan jiraniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 10 fi kuma dhibba 1tti tilmaamamu taasisuu ibsame.
Hogganaan Biiroo Faayinaansii naannichaa obbo Tafarii Abaataa magaalaa Dabrabiraanitti argamuun deeggarsicha dabarsanii laataniiru.
Mootummaa fi uummanni naannichaa gocha biyya diiguu garee shororkeessaa ABUT qolachuuf qaamolee nageenyaa erguun cinatti deeggarsa Birrii Miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 80tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru.
Hanga gareen shororkeessaan ABUT barbadaa’utti deeggarsi taasisan kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Naannoo Amaaraatti Itti aanaan bulchaa godina Shawaa Kaabaa obbo Siisaay Walda’amaanu’eel deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Girmaa Nasiibuutu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna