Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Naannoon Uummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 77 ol taasisuu ibsame.
Naannichi marsaa marsaa 4ffaaf Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 77 fi kuma dhibba 5 olitti tilmaamamu taasisuu Itti aanaan Preezdaantii naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo ibsaniiru.
Deeggarsa Birrii taasifame dabalataan uummanni naannichaa sangoota kuma 1 fi 198, Re’ootaa fi hoolota 108 fi deeggarsa nyaataa garaagaraa taasisuu ibsaniiru.
Deeggarsicha Raayyaa Ittisa Biyyaatti qindeessaa humna namaa naannoo uummattoota kibba lixa Ityoophiyaa Koloneel Zarihuun Gabramiikaa’eeliif laataniiru.
Deeggarsa gama maraa uummatichi taasisuuf Koloneel Zarihuun galateeffataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.