Finfinnee, Sadasa 5, 2015(FBC)- Naannoon Somaalee lammiileefi bu’uuraalee misoomaa kaaba biyyattiitti sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii dhaabuuf taattaaffii taasifamuuf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu beeksise.
Ittaanaan Hogganaa Biiroo Kominikeeshinii naannichaa obbo Bashir Sheek Sa’id, hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffameef naannoon Somaalee ga’eesaa kan ba’atu ta’uu eeraniiru.
Waliigaltichi Afrikaanonni rakkoolee isaaniif furmaata mataasaanii kennuu akka danda’an kan aggarsiisudha jedhan.
Faayidaafi barbaachisummaa waliigaltichaarratti uummanni naannichaa hubannoo gahaa qabaachuun hojiirra oolmaasaaf gahee isaanii akka bahataniif kan gargaaru waltajjiin marii guyyaa boruu irraa eegalee kan gaggeeffamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.