Naannoon Somaalee lammiilee balaa ibiddaa Dirree Dhawaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)-Naannoon Somaalee lammiilee balaa ibiddaa Dirree Dhawaa Giddugala Gabaa Ashawaatti dhiyeenya mudateen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad naannawaa balichi mudate daawwachuun, miidhamtoota jajjabeessaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa miidhamtoota yeroof fi waarinaan dandamachiisuuf tattaaffii taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Sochiin kunis milkaa’aa akka ta’uuf mootummaan Naannoo Somaalee fi ummanni naannichaa Birrii miiliyoona 20 arjoomaniiru.

Dirree Dhawaan giddugala daldalaa fi indaastirii ta’uuf sochii taasistu akka milkaa’uuf tumsi naannichaa cimee kan itti fufu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin Obbo Musxafee Mahaammadii fi qondaaltonni olaannoo naannichaa naannawichatti argamuun miidhamtoota jajjabeessuu fi deebisanii dandamachiisuuf tattaaffii taasifamu deeggaruu galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment