Naannoon Somaalee humnoota nageenya booressuuf socho’aaniif kan hin obsine ta’uu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC)- Naannoon Somaalee humnoota nageenya booressuuf naannichaa keessaa socho’aaniif kan hin obsinee fi taarkaanfii seeraa qabeessa akka fudhatuu beeksiseera.

Mootummaan Naannoo Somaalee uummataa naannichaa waliin ta’uun humnoota nageenya booressuuf socho’aaniif akka hin obsinee fi tarkaanfii seeraa qabeessaa akka fudhatu ibsuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Miidiyaalee hawaasaatin naannichatti hokkoraa, tasgabbiin akka dhabamuu fi iddoo hoggansa mootummaa qabachuuf yaaliin akka taasifamee jiraachuun odeeffannoo tamsa’uu dhugaarraa kan fagaatee ta’uu mootummaan naannichaa ibseera.

Yeroo amma kana naannoo Somaalee akkuma dura sochii nageenyaa fi tasgabbiirra akka jirtu ibsameera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment