Naannoon Somaalee daangaa biyyoota ollaa waliin qabu si’oominaan kan eeguu ta’uu beeksiise

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad koree nageenyaa waliin walga’ii torbee gaggeessaniiru.

Waltajjii kanarratti hoggantoonni mootummaa olaanoonii fi qaamoleen nageenyaa argamaniiru.

Dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa fi naannorratti marii gageessuun qabxii ejjennoo 4 baafachuun xumuraniiru.

Dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa irratti xiyyeeffannoo laachuun nageenya naannichaarratti ciminaan hojjetamuu akka qabu kallattiin kaa’ameera.

Gareen shororkeessaa gara naannichaa akka hin seenne daangaa biyyoota ollaa waliin qaban si’oominaan eeguuf kan hojjetamu ta’uu marichaan ibsame.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment