Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)- Kaabineen naannoo Somaalee walga’ii gaggeesseen baajanni dabalataa Birriin miiliyoonni 500 akka ragga’uuf murtoo dabarseera.
Baajanni dabalataa kun baatiwwan itti aanaaniif balaa hongeef baraaruuf kan ooluudha jedhameera.
Keessaayu bitta miidhaan nyataa, bishaan, fayyaa fi nyaata horii dhiyeessuu kan ramadamuudha jedhameera.
Dabalataanis kaabineechi laabsiiwwan wixinee fi dambirratti murtoo dabarsuun Mana Maree Naannichaaf qajeelchuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.