Naannoon Sidaamaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf sangootaa 240, Hoolootaa fi Ra’oota 107 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) –Mootummaan bulchiinsa naannoo Sidaamaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Sangootaa 240, Hoolootaa fi Ra’oota 107 deeggarsa taasiisuu Preezdaantiin naannichaa obbo Dassitaa Leedaamoon ibsan.

 

Obbo Dassitaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan federaalaa raawwachaa jiru ummanni naannichaa kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

 

Oduu walfakkaatuun jiraattoonni godina Beenchii Shakkoo raayyaa ittisa biyyaaf akaakuu fi maallaqaan waliigala Birrii miiliyoona 8 deeggarsa taasiisaniiru.
Kutaaleen hawaasaa fi dhaabbileen garaagaraa godinicha keessatti argaman Sangoota 82, Xaafii kuntaala 524, Buna kuntaala 45, dammaa Kiiloo Giraama 465, Ruuzii kuntaa 50 fi maallaqa Birrii miiliyoona 6 deeggarsa taasiisuu bulchaan godinichaa obbo Fiqiree Amaan ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment