Naannoon Sidaamaa naannoo Somaaleef deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Mootummaa Naannoon Sidaamaa naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif  deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise.

Deeggarsicha Preezdaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo fi jilli isaanii Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammaditti dabarsanii laataniiru.

Preezdaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoon naannoon Somaalee teesuma lafaa fi dandeettii oomishtummaaf qabuun badhaadhina Ityoophiyaa ittaanuuf utubaa fi bu’uura ta’uu kan danda’u ta’uu eeruun miidhaa sababa hongeen uummata naannichaarra ga’e hir’isuuf tattaaffii mootummaan taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Mootummaan naannoo Sidaamaa mootummaa fi uummata naannichaa deeggaruuf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasisuu ibsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad deeggarsa taasifameef maqaa mootummaa fi uummata naannichaan galateeffataniiru.

Gurmaa’insi naannoo Sidaamaa adeemsarra wayita jirutti deeggarsa kana taasisuun isaa hariiroo uummata naannolee lameenii kan guddisu ta’uu kaasaniiru.

Deeggarsii fi hariiroon naannolee gidduutti taasifamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu eeruu isaanii EBCn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment