Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Naannoon Sidaamaa hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii haalaa hin ba’atiin hafan 384 irratti murtoo siyaasaa dabarsuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa naannichaa ibse.
Hoggantoota 146 hoggansarraa akka kaafaman taasisuu fi 238 irratti ammoo akeekkachiisni kennamuu ibsameera.
Naannichatti waltajjiin leenjii hoggansaa fi miseensaa gamaggama irratti xiyyeeffate mata duree “jijjiiramanii biyya jijjiiruuf” jedhuun kennamaa ture xumuramuu eerameera.
Hogganaan waajjirichaa obbo Abrahaam Maarshaalloon xumuramuu waltajjichaa ilaalchisuun guyyaa kaleessaa miidiyaaleef ibsa kennuu yaadachiifameera.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.