Naannoon Oromiyaa yeroo 2ffaaf Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 242 ol taasise

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Naannoon Oromiyaa yeroo 2ffaaf Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 42 ol taasise.

Naannichi sangoota kuma 1 fi 411, re’oota kuma 1 fi 85, hoolota kuma 3 fi 656 deeggarsa taasisuu eerameera.

Deeggarsichi Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 42 olitti kan shallagamu ta’uu hoggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa aadde Maskaram Dabbabaa wayita deeggarsicha dabarsanii laatan ibsaniiru.

Deeggarsi uummanni Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daayrektarri Dayrektoreetii Bittaa Jeneraal  Alamsaggad Wandoosan, raayyaan deeggarsa qabu yeroo maraa injifataa ta’uu ibsuun, deeggarsi taasifamu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Qiddist Birhaanuufi Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment