Naannoon Oromiyaa waldorgommii Atileetiksii guddattoota biyyaalessaa olaantummaan goolabe

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Naannoon Oromiyaa waldorgommii Atileetiksii guddattoota biyyaalessaa olaantummaan goolabeera.

Waldorgommii Atileetiksii guddatootaa Umurii 20 gadii 10ffaa fi umurii 18 gadii 3ffaa biyyolessaa magaalaa Asallaatti dorgomamaa tureen naannoon oromiyaa qabxii walii galaan shaampiyoonaa ta’eera.

Naannoon Oromiyaa waldorgommii Atileetiksii biyyaalessaa guddaattota umurii 20 gadii fi 18 gadii kanaan qabxii 474 Sadarkaa 1ffaan yoo goolabu, Naannoon Amaaraa qabxii 300 2ffaa fi  giddugalli leenjii Xuruneesh Dibaabaa qabxii 167.5 sadarkaa 3ffaan goolabuu odeeffaannoon Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni agarsiisa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment