Oromiyaatti sagantaan beekamtii fi geggeessaa Waancaa Hidhaa Haaromsaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)–Sagantaan beekamtii fi badhaasaa hirmaattota deeggarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa fi geggeessaan Waancaa hidhichaa Adaamaa Galmaa Abbaa Gadaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Itti Aanaan Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii, Daayrektara Olaanaa Waajjirra Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Biyyaaleessaa Dooktar Aragaawii Barihee akkasumas Daayrektara Olaantuu Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsaa Guddichaa Oromiyaa Aadde Konjiit Baqqalaa, Haadholii Sinqee, Abbootii Gadaa fi keessumoonni biroon argamaniiru.

Itti Aanaan Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii akka jedhanitti, sadarkaa hidhi haaromsa guddicha ityoophiya amma irra jiruf Naannoon Oromiyaa gumaachaa olaanaa taasiseera.

Hanga pirojektichi xumuramurttis lammileen hundi deeggarsa taasisan akka itti fufan dhaamaniiru.

Waancaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaas naannoo Oromiyaarraa gara Naannoo Sidaamaatti gaggeeffameera.

Naannoon Sidaamaas Guyyaa Sabaafi Sabalammoota Ityoophiyaa 17ffaa naannichaatti kabajamurratti Waancichaa Naannoo Oromiyaarraa kan fuudhu ta’uun beekameera.

Waancichi, Magaalota, Godinaalee fi Aanaalee Naannoo Oromiyaa keessa naanna’uun bittaa boondii, arjoomaa fi ergaa gabaabaa “8100A” galiin Birrii miiliyoona 649 fi kuma 450 ol sassaabuuf kan karoorfamee turus, Birrii biiliyoona 1.48 ol walitti qabamuun eerameera.

Naannoon Oromiyaa, Waancaan Hidhichaa bara 2014 guyyaa kabaja Ayyaana Sabaafi Sab-lammootaa Ityoophiyaa 16ffaa Magaalaa Dirree Dawaarraa fuudhee turuun ni yaadatama.

Obsee Waaqgaariitu gabaasee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment