Finfinnee, Bitootessa 20 ,2015 (FBC)- Naannoon Oromiyaa qaamoolee lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsaa taasisaan sirna beekkamti kennu marsaa 3ffaa gaggeesseera.
Namoota dhuunfaa, dhaabbilee daldalaa, dhaabbileen mootummaa, mit-mootummaafi hawaasni bal’aaf sirni beekkamti marsaa 3ffaaf kennameera.
Sirnichaarrati Ittanaan Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ,Hoggaanan Busaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Habtaamuu Sisaayi fi hoggantoonni olaanoon biroon argamiiru .
Obbo Awwaluu Abdiin, qaamolee lammiilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisuun yeroo rakkoo keessatti hawaasa qaqqaban galateeffachuu ragaan Waajjiraa Pireezidaantii Oromiyaarra argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.