Naannoon Oromiyaa nageenya ummata haqaan mirkaneessuuf konkolaataa paatrooli 650 kenne

Finfinnee, Fulbaana 3, 2013 (FBC) – Mootummaa naannoo Oromiyaa nageenya ummata haqaan mirkaneessuuf konkolaataa paatirooli 650 kenneera.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa sirnicharratti argamuun haasaa taasisanii”guyyaa har’aa humnoota tasgabbiif nageenya naannichaa eeguu keessatti qooda guddaa bahachaa turan sadarkaa itti aanaa komishiinaraa irraa hanga miseensa poolisiitti gulaantaa fi beekkamtiin kennamu kan hojii gaarii hojjachaa turaniif argataniidha jedhan.

Humna Poolisii Oromiyaa guddinni gulantaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin kennameef yoo ta’u laftii Mana jireenyaas Magaalaa walakkaa keessa kan kennamuuf ta’us dubbatanniru.

Poolisiin Oromiyaa gaachana ummataati

Maddi:-BDHKMNO

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment