Naannoon Oromiyaa lammiilee sigigaa lafaan miidhamaniif Deeggarsa namoomaa Birrii miiliyoona 50tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)- Naannoon Oromiyaa lammiilee Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaatti balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa Birri miiliyoona 50tti tilmaamamu taasiseera.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mogas Ida’ee walharkaa fuudhiinsaa deeggarsichaarratti, balaa tasaa mudateen lubbuun lammiilee darbuu gaddaa itti dhaga’ame ibsuun maatii miidhaamtootaaf jajjabina hawwaniiru.

Balichaan lammiilee miidhaman waarinaan deeggaruuf tattaaffii taasifamu Mootummaan Naannoon Oromiyaa mootummaan naannichaa cinaa kan dhaabbatu ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsichi itti fufiinsa kan qabaatu ta’uu eeruunis, marsaa jalqabaan deeggarsaa namoomaa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 50’tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhaan Hogganaan Biiroo Inarjii fi Albuudaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Injiinar Akiliiluu Addunyaan, mootummaan naannichaa wayita balichi mudatee eegalee miidhamtoota waarinaan dandamachiisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hirmaannaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsi taasifamus itti fufiinsaa akka qabaatu gaafachuu ragaan kominikeeshinii Naannoo Kibba Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment