Naannoon Oromiyaa fi Baankiin Daldalaa Shaampiyoonaa Umrii 17 gadii ta’an

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Naannoon Oromiyaa fi Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa shaampiyoonaa umrii 17 gadii naannoolee fi kilabootaa ta’aniiru.

Taphaa xumuraa naannolee gidduutti taphatameen naannoon Oromiyaa, Naannoo Kibbaa 2-0’n injifachuun shaampiyoona ta’eera.

Akkasumas, tapha shaampiyoonaa kilabootaan, Kilabnii Kibbaa Miilaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaa, Qiddus Giyoorgisiin rukkuttaa addaa bahiinsaatiin 4-1’n mo’achuun abba waancaa fi shaampiyoonaa ta’eera.

Sirna badhaasaa gaggeeffameenis, damee shaampiyoonaa kilabootaan Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa badhaasaa Warqee fi Waancaa, Qiddus Giyoorgiis Meetii akkasumas Walaayittaa Diichaan, Nahaasaa fi amalaan Waacaa badhaafameera.

Shaampiyoonaa naannoleen ammoo Naannoon Oromiyaa Warqee fi Waancaa, Naannoon Kibbaa Meetii akkasumas Naannoon Amaaraa Nahaasaa fi amalaan Waancaa badhaafameera.

Dabalataan, Naannoon Oromiyaa badhaafamaa addaa ta’eera.

Shaampiyoonichaa kan qopheessite Naannoon Sidaamaa waancaa badhaafameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment