Naannoon Oromiyaa Bulchiinsa Saba Waag Himiraaf deeggarsa meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 20 olitti tilmaamamu deeggarsa taasiisee

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) –Biiroon Eeggumsa Fayyaa Naannoo Oromiyaa Bulchiinsa Saba Waag Himiraaf deeggarsa meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 20 olitti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichi dhaabbilee Fayyaa Godina Waag Himiraa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf kan oolu ta’uu ogeessi Tajaajila dhiyeessa Qorichaa fi Faarmaasii obbo Alamuu Taaffasaan eeraraniiru.

Meeshaaleen yaala Fayyaa akaakuu garaagaraa waliigala Birrii miiliyoona 20tti tilmaamu deeggarsaan laatamuu himaniiru.

Dhaabbilee Fayyaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf deeggarsi eegalame cimee itti fufu akka qabu Itti gaafatamaan Waajjira Qajeelcha Fayyaa Godina Saba Waag Himiraa Dooktar Kiidaat Ayyalaan gaafachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment