Naannoon Kibbaa Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa waliin walharkaa fuudhinsa aangoo taasiise

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Naannoon Kibbaa Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa waliin walharkaa fuudhinsa aangoo taasiiseera.
Manni Maree Naannoo Kibbaa yaa’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeesseen gabaasa gaaffii adeemsa naannoo ta’uu Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa dhiyaaterratti erga mari’atee booda walharkaa fuudhinsi aangoo taasiifameera.
Waan hunda dura biyya baraaruun barbaachisaa ta’uu Preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw eeraniiru.
Hawaasni hundi si’oominaan naannoo isaa eeguu akka qabu hubachiisaniiru.
Gaaffii naannoo ta’uu ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa deebisuuf karaa diimookiraatawaa fi nagaan hojjetamaa turuu himaniiru.
Adeemsi tures biyyoota sabdaneessaa ta’aniif fakkeenya ta’uu kan danda’uudha jedhan.
Naannoo haaraa ijaarramu saffisaan gara hojiitti akka galu xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.
Birihaanuu Bagaashawutu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment