Naannoon Kibbaa deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 219 raayyaa ittisaaf taasiise

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC) – Naannoon Ummattoota Kibbaa deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 219tti tilmaamamu raayyaa ittisaaf taasiise.
Sangoota kuma 1 fi 829, Hoolaa fi Ra’ee kuma 2 fi 691, Bassoo kuntaala kuma 4 fi 168, sukkaara kuntaala 562, Daakuu kuntaala 795, Akaayii kuntaala 454, Xaafii kuntaala 82, Zayita Liitira 575 fi meeshaalee nyaataa biroo deeggarsaan laateera.
Deeggarsichi qonnaan bultoota, jiraattoota magaalaa fi abbootii qabeenyaa naannichaarraa walitti qabamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment