Naannoon Kibbaa Affaaritti lammiilee balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Fulbaana 14,2013 (FBC)- Naannoon Kibbaa Affaaritti lammiilee balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsa meeshaalee fi maallaqaa Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamu taasise.
Mootummaan naannoo kibbaa naannoo Affaaritti lammiilee balaa lolaatiin miidhamaniif deeggarsa meeshaalee fi maallaqaa Birrii miiliyoona 5tti tilmaamamu taasise.
Jilli preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawin duurfamu naannoo Afaar magaalaa Samaraa galeera.
Jilichi Buufata Xiyyaaraa Sulxaan Aliimirraah Haafaree yoo ga’u, preezdaantiin naannoo Afaar Awwal Arbaa fi hoggansi biroon simannaa taasisaniifiru.
Turmaata isaanii Samaraatinis mootummaa fi ummata naannoo Kibbaa bakka bu’uun boqachuu Sulxaan Hanfiree Aliimirraahin gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Akkasumaas lammiilee balaa lolaatin buqqa’aniif deeggarsa meeshaalee birrii miilyoona 2 fi Birrii miiliyoona 3 waliigalan miiliyoona 5 taasisaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment