Naannoon Kibba-Lixaa Ityoophiyaa waliigalteen nageenyaa hojiirra oolee nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf deeggarsa akka taasisu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti waliigaltee nageenyaa irraa ga’ame hojiirra oolee nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu Mootummaan Naannoon Kibba-Lixaa Ityoophiyaa beeksise.

Waliigaltee gaggeeffame ilaalchisun mootummaan naannichaa ibsa baaseera.

Ibsa isaan, waliigaltechi walitti bu’iinsa waggoota lama lakkoofsise, nageenya waaraa mirkaneessuuf, birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaaf gahee olaanaa akka qabu ibseera.

Waraanni miidhaa ta’uu isaan, keessumaa ummatoota obbolaa ta’an gidduutti kufaatii diinagdee fi hawaasummaa hordofsiisuun, ummattoota gidduutti wal amantaa dhabuu mudate deebisanii suphuuf yeroo kan fudhatuu ta’uu ibsuun, nageenya waaraa Ityoophiyaatti mirkaneessuuf waltajjiiwwan addunyaarratti sagalee ishee dhageessisaa turuu yaadachiiseera.

Dursummaa Gamtaa Afrikaatiin, waliigalteen irra ga’ame yeroo kamiyyuu caalaa Ityoophiyaanota rakkoo keessa turaniif nageenyi akka bu’uu fi abdii akka horatan kan taasisuudha jedheera.

Mootummaan Naannoo Ummatootaa Kibba Lixaa Ityoophiyaa, waliigaltee nageenyaa irra ga’ame hojiirra akka ooluuf Ityoophiyaanonni hundi gahee isaanii akka bahatan gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment