Naannoon Kibba-Lixaa baajata 2015 Birrii biiliyoona 11 raggaasise

Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Ummattoota Kibba-Lixa Ityoophiyaa baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 11 raggaasiseera.

Hoggantuun Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Naannichaa Aadde Wasannach Toomaas, baajatichi diinagdee keessatti jijjiiramaa caasaa fiduuf, invastimantii seektara dhuunfaa cimsuu fi fayyadamtummaa haqa qabeessaa jiraattota naannichaa mirkaneessuu haalaa dandeessisuun kan ramadameedha jedhaniiru.

Maddi baajatichaas, deeggarsa mootummaa federaalaa, qaamolee deeggartootaa fi galii naannicharraa walitti qabamu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan deeggarsa mootummaa federaalaa, qaamolee deeggartootaa fi galmoota misooma waaraa Birrii biiliyoona 6.7, galii naannichaarra Birrii biiliyoona 4.1 yoo ta’u, waliigalaan baajanni naannichaa Birrii biiliyoona 11.33 akka ta’u sagalee guutuun raggaasiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment