Naannoon Kibba-Lixa Ityoophiya deeggarsa akaakuu fi callaan Birrii miiliyoona 15 taasise

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Naannoon Ummatoota Kibba-Lixa Ityoophiya Naannoo Oromiyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu fi callaan Birrii miiliyoona 15 taasise.

Deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 5tti tilamaamuu fi maallaqaan Birrii miiliyoona 10 marsaa jalqabaaf taasiseera.

Deeggarsichas Itti Aanaan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Kibba-Lixa Ityoophiyaa Injiinar Nagaash Wageeshoo Ittaanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiitti kennanii jiru.

Obbo Awwaluu Abdii deeggarsa naannichi taasiseef galateeffachuun, mootummaan naannichaa lammiilee godinaalee 10 keessaa hongeef saaxilaman baraaruuf tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaaraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment