Naannoon Kibba Itiyoophiyaa hundeeffamuun kutannoo mootummaan tokkummaa sab-daneessummaa dhugoomsuuf qabu kan mirkaneesse – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) – Naannoon Kibba Itiyoophiyaa hundeeffamuun kutannoo mootummaan tokkummaa sab-daneessummaa dhugoomsuuf qabu kan mirkaneesseedha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Sagantaa labsa hundeeffama Naannoo Kibba Itiyoophiyaa irratti argamuun ummata obbolaa waliin gammachuu qoodanneerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Ummataafi caasaa naannichaa akkasumas ummata obbolaa maraan baga gammaddan jechuun barbaada.

Gaafiin heera mootummaa ummanni naannichaa barootaaf osoo adda hin kutin gaafachaa ture deebii argatee, Naannoo Kibba Itiyoophiyaa hundeeffamuun isaa kutannoo mootummaan keenya tokkummaa sab-daneessummaa dhugoomsuuf qabu kan mirkaneesseedha.

Sagantaa kanarrattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa waan qaburraa, misooma Naannoo Kibba Itiyoophiyaaf deeggarsa maallaqaa taasiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hariiroo ummattoota naannolee lameenii daran cimsuuf kan hojjetu yoota’u, gara fuula duraattis tumsa barbaachisu hunda taasisuu akka itti fufu obboloota keenyaaf mirkaneessuun barbaada.

Walumaagalatti hireen ummattoota Itiyoophiyaa misooma walootiin kan cimu ta’uu isaatiin, milkaa’ina isaaf kan dhaabbatu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment