Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Naannoon Hararii qaala’iinsa jireenyaa ittisuu fi carraa hojii umuuratti xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Paartiin Badhaadhinaa naannichaa beeksise.
Hoggansi sadarkaan jiru gaaffiilee ummataa deebisuuf qindoominaan akka hojjetan kallattii kaa’merratti mari’atamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Obbo Abdujabbaar Mahaammad ibsaniiru.
Dhaabbileen gaaffilee ummataa qaama karoora isaanii guddaa taasisuun akka hojjetan deeggarsi barbaachisu kan taasiifamu ta’uu kaasaniiru.
Paartichi haala bu’a qabeessa ta’een hoogganuu fi waadaa ummataaf gale galmaan ga’uuf ergamni hooggansaa inni guddaan itti aanu hojiiwwan gaggaarii eegalaman cimsuu fi itti fufsiisuun dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa ummataa salphisuu ta’uu qaba jedhaniiru.
Yeroo itti aanuu dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun hojiilee ijoo ta’uu dubbataniiru.
Carraa hojii uumuu fi fayyadamummaa dargaggootaa mirkanneessurratti murannoon kan hojjetamu ta’uu Obbo Abdujabbaar eeruu ragaan Biroo Kominikeeshinii Naannoo Harariirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.