Naannoon Hararii milishoota Ajeja Bahaa waliin ta’uun leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) –Naannoon Hararii milishoota Ajeja Bahaa waliin ta’uun leenjisaa ture eebbisiiseera.

Lola gareen ABUT Ityoophiyaa diiguuf bane qolachuu fi misooma eegalamme itti fufsiisuuf eebbifamtoonni qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban Itti Aantuun Preezdaantii naannoo Hararii Aadde Miisiriyaa Abdallaa himaniiru.

Shira badii garee shororkeessaa  ABUT fi Shanee qolachuuf hirmaanna qaamni hundi taasiisaa jiru dabalataan qaamoleen nageenyaa adda durummaan wareegama kaffala jiraachuu Af Yaa’iin mana  maree naanichaa Aadde Addisalem Bazzaabihi dubbataniru.

Leenjitoonni leenjii loltummaa, jabina qaamaa fi siyaasaa argatanitti fayyadamuun ergama itti laatamu ga’umsaan ba’uu akka qaban Hogganaan Biiroo Bulchiinsa fi nageenyaa naannichaa obbo Naasir Yuuyyaa ibsuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment