Naannoon Hararii meeshaalee yaala fayyaa buufataalee Fayyaa naannoo Afaariif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Naannoon Hararii meeshaalee yaala fayyaa garaagaraa Birrii miiliyoona 7 olitti tilmaamaman buufataalee fayyaa Naannoo Afaariif deeggarsaan laateera.
Hoggantoonni naannichaa olaanoon meeshaalee kanneen naannoo Afaariif geessaniiru.
Dhaabbilee Fayyaa naannoo Afaarii fi Amaaratti sababa walitti bu’iinsaan barbada’ani deebisanii ijaaruuf hirmaannaa lammii hundaa kan gaafatu ta’uu Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin ibsaniiru.
Buufatalee kanneen deebisanii dhaabuuf naannoon Hararii buufataalee naannoo Afaar sadii hojii eegalchiisuuf meeshaalee yaala fayyaa Birrii miliyoona 7 olitti tilmaamamu deeggarsaan erguu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Naannichaa Dooktar Ibsaa Muusaas, naannoolee Afaarii fi Amaaraatti dhaabbilee fayyaa garee shororkeessaa ABUTn barbadaa’an deebisanii ijaaruuf kallatti akka biyyaatti kaa’ameen, naannoon Hararii buufataalee naannoo Afaar sadiif meeshaalee akka siree ammayyaa,maaykirooskooppii fi kanneen biroo Birrii miliyoona 7.5 tti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment