Naannoon Beenishaanguul Gumuuz bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 508 dhiifama godhe

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) –Naannoon Beenishaanguul Gumuuz bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 508 dhiifama godhe.

Naannoon Beenishaanguul Gumuuz bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 508 dhiifama godhuu Abbaan Alanagaa waliigalaa naannichaa beeksise.

Abbaa Alangaa waliigalaa naanichaatti Itti Aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Damee Tajaajila Seeraa Nigaatuu Alamuu ibsa laataniin Beenishaanguul Gumuuzitti kan argaman manneen sirreessa saditti kan argaman sirreeffamtoota seeraa 508 dhiifamni ta’uu ibsaniiru.

Warren dhiifamni ta’eef keessaa 501 dhiiraa yoo ta’an 7 dubartoota ta’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment