Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC) – Naannoon Amaaraa naannoo Somaaleetti iddoolee hongee miidhamaniif deeggarsa nyaata horii taasiiseera.
Hongee naannicha muudate dandamachuuf tattaaffii taasiifamu kan deeggaran ta’uu Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan ibsaniiru.
Wayita naannoo Amaaraa rakkoon muudatee turetti deeggarsa naannoon Somalee taasiisee fi jilli deeggarsa kana laatu wayita Jigjigaa ga’u simannaa mootummaan naannichaa taasiiseefiif galateeffataniiru.
Wayita waloon dhaabbachuun barbaachisaa ta’etti waloon dhaabbachuu fi deeggarsi kun fakkenya tokkummaa ta’uu kaasaniiru
Mootummaan naannoo Amaaraa garee shororkeessaa ABUTtiin miidhaan irra qaqqabus deeggarsi ummata naannoo Somaaleef taasiise tokkummaa fi walii yaaduu keenya agarsiisa jedhan Preezdaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee mahaammad.
Deeggarsa mootummaan naannoo Amaaraa taasiise galateeffataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.