Naannoon Amaaraa meeshaalee Maakaanaayizeeshinii Qonnaa qonnaan bultootaaf dabarse

Finfinnee, Caamsaa 21, 2014 (FBC) – Naannoon Amaaraa meeshaalee Maakaanaayizeeshinii Qonnaa qonnaan bultootaaf dabarseera.

Meeshaaleen Maakaanaayizeeshinii qonnaa kunneen hanqina teeknooloojii qonnaa naannichaa furuun hojii qonnaa ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf qooda olaanaa qaba jedhame.

Tiraakteroota,kombaayinaroota, Paampiwwan Bishaanii fi meeshaaleen biroo qonnaan bultootaaf dabarfamuu ibsameera.

Guyyaa har’aa Tiraakteroonni 136 kan darban yoo ta’uu, Baatii Amajjii eegalee Tiraakteroonni 324 qonnaan bultootaaf laatamuu  himameera.

Sirna walharkaa fuudhinsaa kanarratti Preezdaantii naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa dabalatee hoggantoonni naannichaa fi qonnaan bultoonni argamaniiru.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment