Naannoon Afaar hambaalee injifannoo Adwaan hidhata qaban bulchiinsa magaalaa Finfinneef gumaache

Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) –Mootummaan Naannoo Afaar hambaalee injifannoo Adwaan hidhata qaban bulchiinsa magaalaa Finfinneef gumaacheera.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii naannoo Afaar Obbo Ahimaad Abduuqaadir hambaalee kanneen Itti Gaafatamaa Waajjira Kantiibaa fi Dhimmoota Kaabinee magaalaa Finfinnee Obbo Xilahuun Warquuf kennaniiru.

Mootummaan naannoo Afaar waamicha taasiifame fudhachuun hambaalee kanneen bulchiinsa magaalichaaf gumaachuu Obbo Xilahuun galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment