Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaa fi haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) –Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaan darbee fi haala yeroorratti ummata waliin magaalaa Boongatti mariin gaggeeffamaa jira.
Marii kanarratti Preezdaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoo dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamuu ibsameera.
Kaayyoon waltajjii kanaa gaaffii ummataa dhaggeeffachuu fi dhimmoota ijoo murtoo Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa ummataaf iftoomina uumuu ta’uu ibsameera.
Marii murtoo fi kallattii yaa’ichaarratti mari’achuun waliigaltee waloo uumuuf qophaa’e ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment