Naannoo Tigraayitti yakkamtoota badii raawwataniiru jedhaman qulqulleessuuf gareen qoratuu hojii eegale

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti yakkamtoota badii raawwataniiru jedhaman qulqulleessuuf gareen qoratuu hojii eegaluu Abbaan Alangaa Waliigala Federaalaa beeksise.

Garee gantuu ABUT Onkololeessa 24, 2013 raayyaa ittisa biyyaa Izzi kaabaarratti haleellaan raawwatee ilaalchisee mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisaa jira.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii fudhatamaa jiruun walqabsiisee gaazixeessitoota biyyaa alaaf ibsa laataniruu.

Ibsichaan naannoo Tigraayitti yakkamtoota badii raawwataniiru jedhaman qulqulleessuuf gareen qoratuu hojii eegaluusa ibsaniiru.

Hooggantoonni ABUT yakka cimaa raawwachaa jiraachuu isaaniis himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment